Itoophiyaafi Chaayinaan damee Qonnaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessanii turan gara hojii qabatamaatti jiijjiruuf xiyyeeffannon hojjechaa jiru.

70

Bitootessa 18/2015(TOI) - Itoophiyaafi Chaayinaan damee Qonnaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessanii turan gara hojii qabatamaatti jiijjiruuf xiyyeeffannon akka hojjetan beeksisaan.

Chaayinaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa amabaasaaddar Tafarraa Darriboo Ministira qonnaa Chaayinaatti daarektara kutaa walitti dhufeenya idil addunyaa Nii Hongisheengi akkasuma Ministeerichatti daarekatara idil addunyaatti daarektara dhimma Eeshiyaa Lixaafi Afrikaa Liyuu Jiyaangii waliin mariyataniiru.

Marii kanaan Itoophiyaafi Chaayinaan walitti dhufeenya damee hojii Qonnaan taasisan gara hojiitti jijjiruun bu'aan barbaadamu akka argamuuf murannoo cimaan kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaanuu walitti dhufeenya damee qonnaan qaban marii yeroo idileen akka qopheessan waliigaluu odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Imbaasii Itoophiyaa Beejingitti argamurra argame ni mul'isa.

Itoophiyaafi Chaayinaan Caamsaa 2014 damee qonnaa, Indastirii, Faarmaasiyutikaal, Manufaakcharingii, Bu'uuraalee misoomaa fi fayyaa irratti Hojii invastimatii waliin hojjechuuf waliigaltee mallateessuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015