"Tapha har'aan qabxii gaarii qabannee ba'uuf xiinsammuudhaan of qopheessineerra"

395

Bitootessa 18/2015 (TOI) : - Har'a Itoophiyaan waancaa Afrikaa 34ffaa Kootdivuwaar keessummeessituuf tapha gulaallii ramaddii lammaffaa Giinii waliin taphatti.

Taphni biyyoota lamaanii galgala sa'aatii 4:00tti Morookoo istaadiyeemii Piriinsi Muulay Abdallaah Raabaat kan daawatoota 45,000 qabachuu danda'utti gaggeeffama.

Ramaddii 4ffaa keessattikan argaman biyyoonni lamaanuu tapha bitootessa 15/2015 taphataniin Giiniin 2 fi 0 injifachuun ni yaadatama.

Tapha har'aa ilaalchisee yaada kan kennan leenjisaan garee Waaliyaa Unatuu Abaateen , "Tapha jalqabaa booda xiyyeeffannaan guddaan kan hojjetame taphattoonni mo'amuu booda miira keessa jiran keessaa baasuu fi tapha har'aaf xinsammuu isaanii qopheessuudha jedhaniiru.

"Tapha har'aan qabxii gaarii argannee bahuuf qophii gahaa taasneerra jedhaniiru.

Taphataan sarara gidduu Gaatook Paanoom sababa kaardii keelloo lama argateen tapha har'aa irratti hin hirmaatu.

Taphataan sarara ittisaa Minyoot Dababee adabbii tapha tokkoof irra ture xumuruun har'a tapha kanarratti kan hirmaatu ta'uu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015