Atileet Madiinaa Iisaa dorgommii fiigicha kilomeetira 5 dursa dubartiif jedhuun qophaa'e injifatte - ENA Afaan Oromoo
Atileet Madiinaa Iisaa dorgommii fiigicha kilomeetira 5 dursa dubartiif jedhuun qophaa'e injifatte

Bitootessa 17/2015(TOI) - Atileet Madiinaa Iisaa dorgommii fiigicha kilomeetira 5 "dursa dubartiif" jedhuun qophaa'e injifatte.
Fiigichi kun 'Taallaquu Ruuchaan' kan qophaa'e yoo ta'u ka'uumsaafi xumuraa isaa Finfinnee kutaa magaalaa boolee bakka Atilaas jedhamee beekamu taasifateet geggeeffame.
Dorgommii atileetootaan geggeeffameen atileet Madiinaa Iisaa kan injifatte yoo ta'u Tsiggee Gabrasalaam lammaffaa akkasuma Malkinaat Wuduu sadaffaan ta'uun fageenyicha xumuraniiru.
Dorgommii fiigichaa kilomeetira 5 Saafariikoom 2015 Dursa dubartiifi kun mata duree ''Bakka koo, Mirgakoo, sagaleekoo'' jedhuun kan geggeeffame yoo ta'u atileetoota, akkasuma kanneen fayyaaf fiigaan kuma 15 fi ambaasaaddaroonni fiiganiiru.
Sirna Dorgommicha irratti kan argaman Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen qaamolee fiigicha dursa dubartootaaf jedhu qopheessan galateeffachuun Fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu akkasiimurteessadha jedhaniiru.