Torbeen Boondii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Biyyaalessaa Har’a Magaalaa Asoosaatti Jalqabame

178

Bitootessa 16/2015 (TOI) – Waggaa 12ffaa dhakaan bu’uraa hidha haaromsaa Guddichaa Iiyoophiyaa itti kaa’ame sababeeffachuun torbeen Boondii hidha haaromsaa naannoo Beeniishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti har’a jalqabameera.

Torbeen Boondii kun waajjirri qindeessaa pirojektii hidhichaa waggaa 12ffaa hidha haaromsaa ilaalchisuun galii walitti qabuuf qopheessee fi taateewwan biroo keessaa isa tokko ta’uun ibsamrrea.

Daarektarri olaanaa waajjira pirojektii qindeessaa ummataa biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa doktar Aragaawii Barihee wayita kana akka jedhanitti “hidhi haaromsaa guuddichi Itiyoophiyaa akkuma injifannoo Aduwaa tokkummaan Itiyoophiyaa olaanaan kan keessatti mul’atedha” jedhaniiru.

Kun ammoo Itiyoophiyaan liqii fi gargaarsa alaarraa baatee abbaa dinagdee bilisaa akka taatu gochuuf yaalii taasiftuuf abdii qabatamaa kan kenne ta’uu ibsaniiru.

Abdii kana itti fufsiisuun tokkummaa cimsuun dhiibbaa biyya alaa hidha haaromsaa kanarra gahaa jiru dhaabsisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

“Pirojekticha dhugoomsuuf qindoomina mootummaa fi ummataa kan addunyaa raajeffachiise Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf ooluu qaba” jedhaniiru doktar Aragaawiin.

Hawaasni hojiiwwan eegumsa naannoo sulula abbaayirratti adeemsifamu irratti akkasumas deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiin taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru.

Torbeen boondii biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa baatii tokkoof tura.

Daarektarri olaanaa waajjira mana maree qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa Beniishaangul Gumuz obbo Giraany Guddataa gamasaaniin bara 2013 irraa kaasee naannichatti hidha kanaaf galiin birriin miiliyoona 100 ol sassaabameera jedhan.

Hidhicha xumuruuf hawaasni deeggarsa taasisu akka cimsus gaafataniiru.

Hooggantoonni olaanoo naannichaa , ittigaafatamtoonni sadarkaa addaddaarra jiran fi jiraattonni sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru.

Torbeen boondii kun baatii tokkoof kan turu yemmuu ta’u birrii miiliyoona 100 sassaabuuf karoorfamuusaa odeeffannoon waajjira qindeessaa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaarra argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015