Diyaaspooraan Itoophiyaa hanga ammaatti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 50 ol gumaacheera

130

Bitootessa 16/2015 (TOI) :- Erga Hidha Haaromsa Guddichi Itoophiyaa ijaaramuu jalqabee as Diyaaspooraan Itoophiyaa  deeggarsa doolaara miiliyoona 50 ol taasisuu  Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise.

Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa deeggarsa qamaa kamiiyyuu malee ijaarama kan jiru Bitootessa 2003 dhagaan bu'uuraa kaa'amuun isaa ni yaadatama.

Addunyaarra biyyoota adda addaa keessa miseensota diyaaspooraa Itoophiyaa miliyoona sadii ol ta'an akka jiraan himama.

Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoonni Itoophiyaa ijaarsa hidhichaa humna, maallaqaa fi yaadaan deeggaraa akka jiraan daarektarri kominikeeshinii Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaa obbo Wandoseen Girmaa TOItti himaniiru.

Diyaaspooraan Itoophiyaa erga ijaarsi hidhichaa eegalamee waggoota 12 keessatti Doolaara miiliyoona 50 ol deeggarsa taasisuu  ibsaniiru.

Deeggarsa maallaqaatiin alatti, "miseensonni diyaaspooraa Itoophiyaa sochii humnoota alaa ijaarsa Hidha Haaromsaa jeequuf yaalan ifatti mormuudhaan dhugaa jiru addunyaa beeksisuu keessatti gahee bakka hin buune taphachaa jiru" jedhan.

Tajaajilichi qabeenya walitti qabuu, dippiloomaasii ummataa cimsuu, beekumsaa fi ce'umsa teeknooloojiin  diyaaspooraan gumaacha isaa akka cimsuuf walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Diyaaspooraan Itoophiyaa hanga ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramutti  deeggarsa taasisaa jiru akka walirraa hin kunne waamicha taasisaniiru.

 Ijaarsa Hidha haaromsaa Itoophiyaaf bara 2003 dhagaan bu'uuraa erga kaa'amee as lammileen Itoophiyaa bifa adda addaan deeggarsa birrii biliyoona 17 taasisuu ragaan Waajjira Pirojektii Qindeessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015