Oromiyaatti gabaa tasgabbeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran Biiroon daldalaa naannichaa ibse. - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti gabaa tasgabbeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran Biiroon daldalaa naannichaa ibse.
Bitootessa 15/2015 (TOI) :- Naannoo Oromiyaatti sababa hanqina omisha nam-tolchee mudateen hawaasni akka hin rakkannee hojii gabaa tasgabbeessuu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldala naannichaa beeksiseera.
Hogganaan Biiroo Daldala naannichaa obbo Daani’eel Charnat TOItti akka himanitti, koreen qaamolee haqaa, poolisii, bulchiinsa naannoo fi qaamolee biroo of keessaa qabu ijaaramee hojii gabaa tasgabbeessuu kana hojjechaa jira.
Naannichatti gabaa tasgabbeessuuf omishinni Xaafii, Qamadiifi Boqqoolloo bal'inaan gara gabaatti akka bahu taasifamaa jira jedhaniiru.
Hanga ammaatti oomisha Xaafii, Qamadiifi Boqqoolloo kumtaalaa kuma 120 ol gabaaf dhihaachuu himanii, gara fuulduraattis oomishafi Daakuu Qamadii, Xaafii fi Boqqolloo kuntaala kuma 500 ol gara gabaatti baasuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru
Haaluma kbaan Waldaaleen bu'uuraa fi yuuniyeenonni oomishaalee kanneen kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, oomishni kuduraa fi muduraa gabaa Dilbataan dhiyaatus cimee itti fufa jedhaniiru.
Gama biraatiin, oomisha qonnaa fi boba’aa karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture kan gatiin isaa birrii miiliyoona 632tti tilmaamamu to'atamee gabaaf akka dhihatu taasifameera jedhaniiru.