Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiin dursaa Jira- Fireehiywoot Taammiruu

526

Bitootessa 15/2015 (TOI) - Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiitiin dursaa akka jiru hojii raawwachiiftuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan.

Itiyoo Telekoom teeleebirrii haaraa baase appilikeeshinii moobaayilii “suppar app”  ifoomseera.

Teeknooloojiin kun maamiltoonni hojiisaanii guyya guyyaa salphaa taasisuu fi hojiilee daldalaa teeknooloojiin deeggarame mijeessuuf yaadamee kan qophaa’edha.

Appilikeeshiniin kun maamiltoonni altokkotti tajaajiloota bittaa fi gurgurtaa addaddaa akka argatanii fi adeemsa bittaa kamiifuu akka itti fayyadaman kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Appilikeeshiniin haaraa kun rakkinoota kanneen akka raawwii, sirna seekuriitii, xiqqaachuu dandeettii bilbilaa deetaa qabachuu fi rakkinoota kanneen biroo appilikeeshinii teeleebirrii yeroo ammaa hojiirra jiruurratti mul’atan hiikuuf nidandeessisa jedhameera.

Akkasumas appilikeeshinii maayi-Itiyoo-teel fi appilikeeshiniiwwan kanneen biroo bakka tokkotti fiduun kanqindaa’e, ga’oomaa akkasumas tajaajiloota salphaatti argachuuf kan dandeessisu ta’uudha jedhameera.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti kaampaanichi tajaajila kennu yeroo gara yerootti guddisaa jira.

Itiyoo Telekoom dinagdee dijitaalaa dhugoomsuuf cimee itti fufuun damee Kanaan dursaa akka jiru ibsaniiru.

Qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuuf teeknooloojiin deeggaramuun murteessaa ta’uu dubbatanii, appilikeeshiniin har’a dhugoome kun kanuma kan gabbisu ta’uu dubbataniiru.

Kna biraammoo fayyadamni bilbila Smaart ta’uu ibsanii, bilbiloota amma ammaatti neetwoorkiirratti galmaa’an miiliyoona 81 keessaa dhibbantaa 46 bibila Smaart ta’uu dubbataniiru.

Appilikeeshiniin guyyaa har’aa ifoome teelee birr suppar app appilikeeshinoota tajaajiloota addaddaaf itti fayyadamnu hunda appilikeeshinii tokkorratti fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Yeroo fi baasii gama qusachuutiin appilikeeshiniin kun qooda olaanaa akka qabus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015