Godina Baaleetti hojiin misooma lafa dheedichaa qindaa’aa baasii birrii miiliyoona 90’n adeemsifamaa jira

Bitootessa 15/2015 (TOI) – Hanqina nyaata loonii ongeen geessisu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa birrii miiliyoona 90’n hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godina Baalee beeksise.

Waajjirichatti itti aanaa itti gaafatamaandamee beelladaa obbo Salamoon Daadhii TOItti akka himanitti, miidhaa ongeen beelladarraan gahu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa qindaa’aan hojjetamaa jira.

Haala Kanaan hojiin aanaa Dalloomannaatti jalqabame hanqina nyaata loonii hir’isuun cinaatti sababa lafa dheedichaa gadhiisiitiin miidhaa qabeenya uumamaa daamgeffamerra gahu akka hir’isu dubbataniiru.

Hojiin waggoota lamaaf turu kun roobaa fi filaata bishaanii kanneen biroo fayyadamuun dhiheessii nyaata loonii cimsuu fi hojiiwwan eegumsa naannoo yeroo addaddaa taasifamaa jiran misooma beelladaa waliin akka walitti hidhu obbo Salamoon dubbataniiru.

Hojiin horiisee bulaa 400 hirmaachisuun adeemsifamaa jiru kun lafa qoree fi aramaa bakka biraatii dhufee uwwifame heektaarri kuma 43 ol ciramaa akka jiru ibsaniiru.

Amma ammaattis lafti heektaarri kuma 5 ciramee misoomaaf qophaa’uu fi ciraan kun guutummaatti wayita xumurame nyaanni loonii Alfaa Alfaa, Roodaas fi Sinnaar jedhaman akka misooman himaniiru.

Hirmaattota keessaa jiraataa ganda Barraaq horsiisee bulaa obbo Ahimad Badiruu yaada kennaniin, hojiin kun misooma beelladaa baramerraa gara horsiisa loonii ammayyaatti cehuuf nigargaara jedhaniiru.

Horsiisee bulaa Huseen Mahimud gamasaaniin horsiisa looniitti hirmaachuun muuxannoo dheeraa qabaatanis hanqina nyaata loonii ongeen mudatuun amma dhamaatiisaanii akka hinfayyadamne dubbataniiru.

Hojii Kanaan rakkoon nyaata loonii salphatee fayyadamaa akka ta’an amantaa qaban  ibsaniiru.

Godina Baaleetti beelladoonni addaddaa miiliyoona 5 akka argaman odeeffannoon waajjira qonnaa godenichaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015