Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Federaalaa Dhimmoota Wayitaawaa Nagaa, Nageenya Biyyaa fi Misoomaarratti Mari’achaa Jiru

183

Bitootessa 15/2015 (TOI) - Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Federaalaa Dhimmoota Wayitaawaa Nagaa, Nageenya Biyyaa fi Misoomaarratti Marii Taasisan Har’a Jalqabaniiru.

Waltajjiin marii kun mata duree”dandeettii dhaabbatummaa ijaaruun milkiiwwan keenya nicimsina” jedhuun kan adeemsifamu yoo ta’u, milkiiwwan akka biyyaatti arganne cimsinee itti fufuuf  akkasumas rakkoolee mul’ataniif furmaata kennuuf kallattiin nikaa’ama jedhameetu eegama.

Tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuun yaada sabdaneessummaan gaggeeffamuun qormaatilee mudatan birmannaan hiikuuf badhaadhina Itiyoophiyaa hundagaleessa dhugoomsuuf cimanii hojjechuun akka barbaachisu eerameera.

Waltajjichi hooggansi injifannoowwan cimsuun fi qormaata cehuuf ergama seenaa fudhatee hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa hundagaleessa ashaaraa irraa barbaadamu akka kaa’u akkasumas tokkummaa keessoo cimsuun qormaata injifannoon cehuuf dandeettii kan itti gabbifatu nita’a.

Waltajjii guyyoota walitti aanan sadiif adeemsifamu kanarratti sanadoonni addaddaa dhihaatanii mariin kan taasifamu tahuu odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015