Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa jira

225

Bitootessa 15/2015 (TOI) - Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa akka jiru Ittiaanaan Pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Qophiin qonna gannaa bara 2015/16 akkasumas sosochiin waltajjii jalqabsiisa ijaarsa mana jireenyaa qonnaan bultoota naannichaa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa jira.

Ittiaanaa pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii wayita kana akka ibsanitti, hojiiwwan jireenya ummata naannichaa fooyyessuu danda’anirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Qonnaan bulaan mana ammayyaa akka qabaatuu fi tajaajila liqii baankiirraa argatee mana jireenyaa ammayyaa akka qabaatu nibarbaachisa jedhaniiru.

Waltajjii sosochii har’a jalqabamee kanaan manneen baadiyyaa ammayyaa kuma 100 ijaaruuf karoorfamuu dubbataniiru.

Manneen ammayyaa kunneen meeshaalee naannawatti  rgamanirraa gatii salphaan kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin bara kana karaa Buusaa Gonofaa naannichatti barattoonni miiliyoona 5 ol sagantaa nyaataa fayyadamaa ta’uusaanii yaadataniiru.

Haala walfakkaatuun deeggarsi lammiilee naannichatti ongeen miihamaniif taasifamaa jiru cimee itti fufuu ibsanii, hooggansiifi kutaan hawaasaa sadarkaan jiru qooda irraa eegamu akka bahu waamicha taasisaniiru.

Naannichatti rakkoo olaanaa kan ta’an daldala midhaanii seeraan alaa, daldala albuudaa fi qabeenya beelladaa, kontirobaandii hiikuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015