Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun nibarbaachisa- ittiaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin - ENA Afaan Oromoo
Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun nibarbaachisa- ittiaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin

Bitootessa 14/2015 (TOI) - Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun murteessaa ta’uu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin ibsan.
Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin sagantaa ifoomsuu qorannoo nyaataa fi sirna nyaataa irratti argamanii ergaa dabarsaniiru.
Ajandaan mootummaa lammiirratti kan xiyyeeffate keessumaa hiyyeessaaf dursa kan kennu ta’uu kaa agarsiisudha jedhan ergaa dabarsaniin.
Qorannoon biyyaalessaa har’a ifoome qaqqabummaa nyaata madaalawaa bal’isuuf sochuu guutuutti seenuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataatiin sirna nyaataa lammiilee mirkaneessuun yeroon kan hinkennamneef ta’uu obbo Dammaqaan ibsanii, nyaata madaalawaa guuttachuun ajandaa Qananii miti jedhaniiru.
Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf walitti bu’iinsa dhaabsisuun nageenya waaraa cimsuu fi qaala’iinsa jireenyaa ittisuu barbaachisa jedhaniiru.
Kanaafis mootummaan sochiiwwan seeraan alaa to’achuu fi ittisuun nageenya buusuu fi qaala’insa jireenyaa gadi buusuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Ongee fi haalli qabatamaa addunyaa qaala’insa jireenyaarratti dhiibbaa geessisuu ibsanii, mootummaan qaamolee oomisha dhoksanii qaala’iinsa jireenyaa itti caalchisanirratti tarkaanfii keessa hindeebi’amne nifudhata jedhaniiru.
Lammii biyyasaa jaalatu, oomishuu danda’uu fi ga’oomaa uumuuf sirni nyaataa fayyaalessi murteessaa waan ta’eef oomishtummaa fooyyessuun hojii ittiaanudha jedhan.