Aadde Adaanech Abeebeen pirojeektoota adda addaa ji'a sadi keessatti ijaaramanii xumuraman dhaa bu'uura kaa'uun jalqabsiisan.

Bitootessa 14/2015 (TOI) : - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee pirojeektoota adda addaa ji'a sadi keessatti ijaaramanii xumuraman dhagaa bu'uuraa kaa'uun jalqabiisan.

Pirojektoonni kunneen ijaarsi isaanii yeroo xumurame haala jireenyaa jiraatoota bu'uura irraa kan salphisuuf ta'uun himameera.

Kantiibaan magaalchi aadde Adaanech Abeebee yeroo dhagaa bu'uura kana kaa'an akka jedhanitti gaaffiiwwan hawaasa kutaa magaalaa Gullallee keessaa tokko rakkoo mana jireenyaa akka furamuufidha.

Rakkoo jiraattota kana salphisuuf bulchiinsi magaalichaa gamoo mana jireenyaa lama kan darbii 12 fi gamoo mana jireenyaa tokko darbii 10 qabu ijaaruu eegaleera jedhan.

Akkasumas haadholii hojii humnaa hojjetanii jiraatan fayyadamoo kan taasisu warshaa Buddeenaa tochu tookko, warshaa daabboo, wiirtuu nyaataa, Maaddii Guutuu, gamoo abbaa darbii 4 carraa hojii uumuuf oolu tokko ijaarsisuu jalqabuu himaniiru.

Ijaarsi kunneenis baajata bulchiinsi magaalichaa ramaduun alatti invastaroota dhuunfaa qindeessuun kan ijaaramu ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi eegalee kun hunduu guyyaa 90 keessatti xumuramuun tajaajilaaf kan gahan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015