Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee Itti Fufti- Ambaasaaddar Jaan Jiyuwaan

204

Bitootessa 14/2015(TOI) - Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee akka Itti fuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Jaan Jiyuwaan  ibsan.

Jilli mootummaa olaanaa ministira maallaqaa federaalaa Ahimad Shideen durfamu daawwannaan hojii dhiheenya Chaayinaatti taasise hariiroo biyyppta lamaanii gama cimsuutiin gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Jilli kun turtiisaatiin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota addaddaa hariiroon biyyoota lamaanii cimuu danda’urratti mari’achuusaanii dubbataniiru.

Dhimmoota daldalaa fi Invastimantii, ijaarsi bu’ura misoomaa hariiroo cimsuun danda’anirratti mari’atamuu eeranii, barbaachisummaa sirreeffama liqii ilaalchisuunis waliigalteerra gahamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti hirmaannaan Kaampaaniiwwan Chaayinaa dameewwan qonnaa, turizimii, fayyaa, misooma anniisaa fi albuudaan caalaa akka cimu akka jajjabeeffaman mirkaneesaniiru jedhan.

Kana malees koreen waloo invastimantii fi walta’iinsi dinagdee mijeessuu dandeessisu akka hundaa’u waliigalteerra gahamuu kaasaniiru.

Walta’iinsa dinagdee biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalaatti cimsuu fi ittifayyadama waloo mirkaneessuuf  xiyyeeffatamee akka hijjetamu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

Chaayinaan bu’uraalee misoomaa gurguddoo adeemsisuuf “inisheetiiviin Beelt endi rood” barana waggaa 10 akka qabatu ibsanii, waggootii kana keessatti Itiyoophiyaan hariiroo cimaa akka qabdu yaadataniiru.

Fuuladuras hojiiwwan bu’ura misoomaa Itiyoophiyaatti Inisheetiivii kana keessatti hojjetaman mijeessuu fi walta’iinsa kana caalaatti cimsuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Walta’iinsa gama Saayinsii fi Teeknooloojiin jiru cimsuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, keessumaa barattoonni Itiyoophiyaa carraan leenjii damee Kanaan Chaayinaatti kennamu bal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

Kaampaaniiwwan Chaayinaa bebbeekamoon hojii nvastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru.

Gama biraatiin waraana kutaa Kaaba biyyattiitti ture waliigaltee nagaatiin xumuramuunsaa Chaayinaan akka dinqisiifattu ibsanii, waliigaltichi biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf qooda akka qabaatu eeraniiru.

Nageenyi Itiyoophiyaa gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaaf murteessaadha kan jedhan ambaasaaddarichi, waliigaltichi Itiyoophiyaan gara nageenyaa fi ijaarsa dinagdee duraaniitti deebisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Yaalii mootummaan Itiyoophiyaa iddoowwan waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf taasisu Chaayinaan akka deeggartu dubbataniiru.

Gojiin deebisanii dhaabuu erga xumuramee booda abbootiin qabeenyaa Chaayinaa iddoowwan kanneenitti invast akka taasisan gochuuf yaaliin nitaasifama jedhaniiru.

Akkaataa Chaayinaan nageenya addunyaa mirkaneessuuf “Inisheetiiviin nageenyaa idil addunyaa” waggaa darbe baafteen mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaatti nagaa fi tasgabbii cimsuuf qindoominaan akka hojjettu dubbataniiru.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2022 waljijjiirraan dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru doolaara biiliyoona 2 tuqaa 19 yemmuu ta’u, Itiyoophiyaatti Invastimantiin kallattii Chaayinaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 3 qaqqabeera.

Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan jalqabame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1970 dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015