Ministirri Muummee DR. Abiy Ahimad Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii Yeroo Naannoo Tigiraay taasisuun muudaan.

298

Bitootessa 14/2015 (TOI) :- Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii yeroo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigiraay taasisuun muuduu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Manni Maree Federeeshinii bu’uura Heeraa mootummaa keeyyata 62/9, labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14/2/b’tiin bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay akka hundaa’uu murtoo dabarseera.

Akkasumaas, nageenyaa waaraa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mirkaneessuu fi walitti bu’iinsaa dhaabuuf, bu’uuraa waliigalteen Piritooriyaa keeyyataa 10(1) bulchiinsa yeroo hirmaachisaa hundessuun waan barbaachiseef, Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee bitootessa 9, 2015 gaggeesseen dambii Bulchiinsa Yeroo Hirmaachisaa Naannoo Tigraay raggaasisuun eerameera.

Bu’uura dambiichaa keeyyata 3(2)’n Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii yeroo Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Tigraay taasisuun muuduu ibseera.

Pireezidaantichi bakka bu’iinsa humnoota siyaasaa garaagaraa naannichaatti socho’anii fi bulchiinsa hirmaachisaa hundeessuu, qaamolee raawwachiistotaa naannicha hogganuu fi qindeessuuf itti gaaftaamnii kennamuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015