Ji'oota jahan darbanitti lammiilee saba hongeen miidhamaniif gargaarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifameera 

204

Bitootessa 14/2015 (TOI) :- Naannoo Oromiyaatti ji’oota jahan darban lammiilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsi birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifamuufi Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.

Itti aanaan Hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarraa Bayyanaa TOItti akka himanitti jijjiirama qilleensaa waggoota darban addunyaa mudateen walqabatee godsinalee naannichaa tokko tokkotti hongeen uumameera.

Godina Booranaafi Gujii dabaltee lammileen godinaalee biroo hanqina roobaaf saaxilaman keessa jiraatan rakkoo hanqina midhaan nyaataf saaxilamuu himaniiru.

Lammilee kanaa deeggarsa mootummaan naannoofi Federaalaa taasisaan cinaatti Uummanni Itoophiyaas deeggarsa guddaa taasisaniiru.

Obbo Tafarraan akka himanitti bara kana ji’oota jahan darbanitti lammiilee sababa hongeen miidhamaniif  gargaarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifameera.

Deeggarsi taasifames deeggarsa midhaan nyaataa, meeshaalee bu'uuraa adda addaafi Nyaata beelladaa ta'uu himaniiru. Deeggarsi taasifamaa jiru kuns cimee kan itti fufu ta'uu himanii, lammileen Itoophiyaas deeggarsa namoomaa taasisaa jiran cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Dabalataanis mootummaan naannichaa, mootummaan federaalaa, dhaabbilee gargaarsa namoomaafi namoota dhuunfaan lammilee sababa hongee kanaan miidhamaniif deeggarsa taasisuu akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015