Godina Wallagga Lixaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itiyoophiyaaf Birriin Miiliyoona 13 Deeggarsa Taasifame

156

Bitootessa 14/2015 (TOI) - Godina Wallagga Lixaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itiyoophiyaaf Birriin Miiliyoona 13 Deeggarsa Taasifame.

Godinichatti deeggarsi kun kan taasifame bitootessa bara 2014 irraa kaasee hojii gurgurtaa boondii fi kennaa taasifameen ta’uun eerameera.

Ittigaafatamtuun waajjira Komunikeeshinii godinichaa Lalisee Shibbiruu TOI’f akka ibsanitti, kutaalee hawaasaa addaddaarraa gurgurtaa Boondii fi kennaadhaan birriin miilioyoona 13 kuma 265 fi 742 sassaabameera.

Jiraattonni godinichaa ijaarsi hidha haaromsaa erga jalqabamee kaasee deeggarsa walirraa hincinne taasisaa akka turan ibsaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa kan itti jalqabame waggaa 12ffaa sababeeffachuun godinichatti sosochiin taasifamaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi amma xumuramutti deeggarsa taasisan akka itti fufan dubbataniiru.

Jiraattonni godinichaa TOI’n haasofsiise yaada kennaniin, hidhi haaromsaa dhimma jireenyaa waan ta’eef amma xumurasaatti akka deeggaran ibsaniiru.

Jiraattota deeggarsa taasisan keessaa adde Meetii Caalii gamasaaniin, ijaarsi hidha haaromsaa guddichi erga jalqabamee kaasee Boondii bituun deeggarsa taasisaa akka turan yaadataniiru.

Jiraataan magaalaa Gimbii obbo Nuuree Jamaal gamasaaniin, ijaarsa hidha haaromsaaf deeggarsa taasisaa turusaanii fi ammas akka itti fufan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015