Mootummaan Dinagdee Tasgabbeessuuf Tarkaanfii Fudhachaa Jiruuf Deeggarsa Akka Taasisu  Baankiin Addunyaa Beeksise

168

Bitootessa 14/ 2015 (TOI) - Mootummaan Dinagdee Tasgabbeessuuf Tarkaanfii Fudhachaa Jiruuf Deeggarsa Akka Taasisu  Baankiin Addunyaa Beeksise

Mijaa’ina hojii daldalaa fooyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf deeggarsa imaammatarratti xiyyeeffate taasisuuf kutannoo akka qabu beeksiseera.

Hojiif Finfinneetti kan argaman Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee waliin mari’ataniiru.

Mariin kun fedhii waloo qaamota lamaanii, dhimmoota misoomaa fi haala gamtaasaanii cimsuu danda’anirratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon ministirri maallaqaa fuula marsariitiisaarratti barreese nimul’isa.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee waggoota sadan darban baankiin addunyaa rakkoolee walirra dhufuun Itiyoophiyaatti mudataniin dhiibbaa uumaman deebisee dhaabuuf deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.

Mootummaan hojii deebisee dhaabuu fi ijaaruu akkasumas yaaliiwwan misoomaa keessumaa gama misooma qabeenya namaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa, dinagdee tasgabbeessuu fi hojii uumuu dargaggootaatiin hojii hojjete ilaalchisuun ministirichi ibsa kennaniiru.

Gama biraatiin mootummaan ajandaa fooyyessa dinagdee biyya keessaaf xiyyeeffannoo kennuun fi qooda mootummaa madaalawaa gochuun dameen dhuunfaa carraa hojii uumuu fi misooma egereetiif iddoo fooyyee qabu akka argatu kutannoon hojjechaa akka jiru obbo Ahimad ibsaniiru.

Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa gamasaaniin, cimina Itiyoophiyaan Taateewwan hedduu damdamachuuf dandeessuu fi tarkaanfii mootummaan misooma damee dhuunfaan durfamu fiduuf fooyyessa dinagsee taasise dinqisiifataniiru.

Mijaa’ina hojii daldalaa fooyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf deeggarsa imaammatarratti hundaa’e gochuuf baankiin addunyaa kutannoo akka qabu ibseera.

Dhaabbanni Faayinaansii kun dhaabbata maallaqaa idil addunyaa  fi mootummaa waliin ta’uun hojii mootummaan dinagdee tasgabbeessuuf hojii hojjechaa jiru deeggarsa akka taasisu dubbataniiru.

Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa bara 2022 ittigaafatamaa erga fudhatanii as Itiyoophiyaa yemmuu daawwatan kan jalqabaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015