Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Bahuu Qaba

196

Bitootessa 13/2015 (TOI) - Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Akka Bahu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltumm Federaalaa Waamicha Dhiheesse.

Komishinichi  leenjiin kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa, tajaajila odiitii keessaa, tajaajila seeraa fi hooggantoota hojiiwwan jijjiiramaa dhaabbilee mootummaa jala jiraniif qopheesse har’a magaalaa Bishooftuutti jalqabameera.

Hooggantoonni kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa Yunivarsiitiiwwanii leenjii kanarratti hirmaataniiru.

Itti aanaa Komishinaraa komishinarii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Waddoo Axxoo rakkoowwan gurguddoo Itiyoophiyaa mudatan keessaa malaammaltummaan tokko ta’uu ibsanii, malaammaltummaan bifasaa jijjiiruun guddina dinagdee gufachiisuun, tokkummaa diiguun mootummaa diiguuf balaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoon kun yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa waan ta’eef mootummaan malaammaltummaarratti qabsaa’uuf koree biyyaalessaa hundeessee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Kanaaf biyya haqa hawaasummaa cimaa qabdu ijaaruuf qabsoon farra malaammaltummaa bu’aqabeessa akka ta’u hundi gaheessaa bahuu akka qabu dubbataniiru.

Namni hundi qaama qabsoo farra malaammaltummaa ta’uu akka qabu ittiaanaa komishinaraa kun dubbataniiru.

Hooggantoonni dhaabbilee federaalaa 260 ol leenjii har’aa kaasee guyyoota sadiif turu kanarratti akka hirmaatan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015