Manni maree Bakka bu'oota Uummataa ABUT tarree shororkeessummaarraa haqe

175

Bitootessa 13/2015(TOI) - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii addaa har’a gaggeesseen murtee kanaan dura ABUT irratti akka shororkeessatti dabarsee ture irraa haqe.

Mana marichaatti Ministirri Itti waamamaa Mootummaa Tasfaayee Beeljigee mana marichaaf ABUT tarree shororkeessaa keessa akka bahu ejjennoo mootummaa dhiheessaniiru.

Manni marichaas dhimma dhihaate irratti erga mariyateen booda mormii 61, qoqqobbi sagalee 5fi harka caalmaan ABUT tarree shororkeessaa keessa akka bahu murteessera.

Kunis waliigaltee Nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti kanaan dura taasifame caalaatti gara hojiitti hiikuuf kan gargaarudha jedhameera.

Kana qofaa osoo hin taane Waliigalteen nageenyaa kun guutummaan guutuutti gara hojiitti akka jijjiramuuf, akkasuma nageenya naannicha waaraa taasisuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uun himaneera.

Nageenyaafi Tasgabbi biyyaafis ABUT tarree shororkeessummaa keessa bafamuun gahee olaanaa qaba jedhameera.

May be an image of 6 people and people sitting

See insights and ads

Boost post

All reactions:

55

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015