Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa jalqabame

Bitootessa 13/2015 (TOI) - Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti har’a jalqabame.
Daarektarri teekniikaa federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa obbo Asfaawu Daanyee akka jedhanitti kaayyoon shaampiyoonaa kanaa atileetotaaf carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetonni naannolee, bulchiinsonni magaalaa, kilaboonnii fi dhaabbilee dandeettiisaanii kan ittiin madaalan gochuudha jedhaniiru.
Atileetonni kilabootaa fi dhaabbilee 19 irraa walitti babahan 600 ol akka hirmaatan ibsaniiru.
Baniinsa shaampiyoonaa kanarratti dorgommiiwwan xumuraa dubartootaan meetira kuma sadii gufachiisaa, utaalcoo dheerinaa dubartootaa fi dhiiraan darbannaan diskasii taasifamaniiru.
Dorgommiiwwan xumuraa alattis dorgommiiwwan calaluu kanneen biroonitaasifamu.
Dorgommiin Shaampiyoonaa kun amma Bitootessa 17 bara 2015tti nitaasifama.
Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa erga jalqabame waggaa 20 ol akka ta’e odeeffannoowwan ni eeru.