Manni Maree Naannoo Sidaamaa Muudamaa fi Labsiiwwan Raggaasisuun Xumurame

248

Bitootessa 12 /2015 (TOI) – Yaa’iin Idilee aAdraffaa Bara Hojii Lammaffaa Marsaa Jaahaffaa Mana Maree Naannoo Sidaamaa Hooggantoota Biiroo fi Muudama Abbootii Murtee Raggaasise.

Manni Maree kun Labsiiwwan dhihaataniif Sadii Raggaasisuun Xumurameera.

Hooggantoota Mana Mareef Dhihaatanii Muudamnisaanii Raggaasifame Keessaa-

Obbo Maammiruu Mokkee Hoogganaa Biiroo Qonnaa Naannichaa, Obbo Kabbadaa Gannoolee Hoogganaa Biiroo Bishaanii, Obbo Asaffaa Gurraachaa hoogganaa biiroo Siviil Sarviisii fi Misooma Humna Namaa, Obbo Makuraa Marshaayee hoogganaa BiirooMisooma Magaalaa fi Konistiraakshinii akkasumas Doktar Daawiit Hayyeessoo  Hoogganaa Biiroo Pilaanii fi Misoomaa Ta’uun Muudamaniiru.

Pirezidaantiin Mana Muree Walii Galaa Naannichaa Obbo Damisee Daalachaa Mana Murtee Walii Galaa Naannichaaf Abbootii Murtee Afur, Mana murtee Olaanaa Naannawa Hawaasaafjaaha, Mana Murtee Olaanaa Naannawa Bansaaf Lama, Mana Murtee Sadarkaa Tokkoffaa Hawaasaaf Jaha, Mana Murtee Sadarkaa Tokkoffaa Bansaaf Kudhan fi Mana murtee Sadarkaa Tokkoffaa Hawaasaaf Abbootii Murtee Lama Dhiheessanii Muudamaniiru.

Kana Malees Manni Marichaa Labsii Mana Sirreessaa Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Labsii Dhaabbilee Misoomaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Itti FayyadamaLafa Baadiyyaa Raggaasisuun Yaa’iisaa Xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015