Afrikaatti oomishitummaa Qonnaa dabaluufi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuuf xiyyeeffannoon addaa kennameera - ENA Afaan Oromoo
Afrikaatti oomishitummaa Qonnaa dabaluufi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuuf xiyyeeffannoon addaa kennameera

Bitootessa 12/2015 (TOI): Afrikaatti oomishitummaa Qonnaa guddisuufi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuun guddina itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetama jedhame.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Misooma itti fufiinsa qabuufi guddina Afrikaaf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
Yaa'iin 55ffaa Komishiinii misoomaa dinagadee Afrikaa fi ministirootaa misoomaa dinagdeefi pilaanii guyyoota lamaaf Finfinneetti geggeeffama ture
dhimmoota idil-addunyaa fi ardiilee irratti maryachuun murtee dabrsee xumurameera.
Yaa'ii kanarratti irra caalaan dhimmoota hiyyummaa hir'isuu, Walitti dhufeenyaa naannoo, Dhiibbaa weerarri Vaayirasii Koroonaa geesiseefi Jijjirama qilleessaafi kan biroorratti bal'inaan mariyatame.
Afrikaan hiyyummaa keessaa bahuuf filanno isheen qabeenya uumamaa ishee fayyadamu, tumsa ardiilee fi naannoo daldala bilisaa cimsuun furmaata waaraa ta'uun himameera.
Hiyyummaafi gufuulee misoomaa waliigalaa Afrikaa keessatti bal’inaan mul’achaa jiran maqsuuf tumsi fi waliin hojjechuun biyyoota Afrikaa hojii boriif jedhamuu hin qabne ta'uu akka qabus yaa'icharratti hubachiifameera.
Kanaaf yaadotaa ogeeyyii ogeeyyiin dhiisanii fi ministiroonni irratti mariyatan cimsuun ibsa ejjennoo baasuun yaa'ichi xumurameera.
Raawwii Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Afrikaa saffisiisuun, diinagdee dhiibbaa dandamatu ijaaruu, filannoowwan faayinaansii babal’isuu, oomishtummaa qonnaa guddisuufi bu’uuraalee misoomaa irratti hojii invastimantii hojjechuun hojii xiyyeeffannoon itti fufiinsaan hojjetyamuu qabu ta’uu irratti waliigalameera.