Itiyoophiyaan Walii Galtee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa Wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Mootummaa Ameerikaatiin Adeemsifamaa Jiru Maree nageenyaaf Gufuudha- Ministira Dhimma Alaa

228

Bitootessa 12/2015 (TOI) – Itiyoophiyaan Waliigaltee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Mul’ate Marii Nageenyaa Itiyoophiyaan Adeemsisaa Jirtuuf Gufuu Akka Ta’u Ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Ibse.

Gabaasni Sarbamuu Mirga Namoomaa Ilaalchisuun Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaan Bahe Sirrii Akka Hintaane Mootummaan Itiyoophiyaa Beeksiseera.

Gabaasni Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Dhimmicha Ilaalchisuun Baase Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinariin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ija Qorannoo Waliin Taasisaniin Yemmuu Ilaalamu Argannoon Haaraan Akka Hinjirre Ta’uusaa Ministeerichi Beeksiseera.

Kanaaf Gabaasa Waajjirri dhimma Alaa Ameerikaa Baase Mootummaan Itiyoophiyaa Akka Hinfudhanne Ibseera.

Ibsi Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Baase Gamtokko Qofa Komachuurratti Kan Kaayyeffate Ta’uu Akeekeera.

Gama Biraatiin Gabaasichi Itiyoophiyaan Filmaata Imaammata Haqaa Cehumsaa Adda Baasuuf Hojjechaa Wayita Jirtutti, Maree Biyyaalessaa Jalqabuuf Wayita Qophooftetti Kan Bahe Waan Taheef Yeroosaa Kan Hineegne Ta’uu Ibseera.

Kana Malees Kaayyoon Gabaasa Kanaa Kamiyyuu Yoo Ta’e Biyyattii Keessatti Qaama Tokko Kan Biraarratti kakaasuuf Akka Fakkaatu Ministeerri Dhimma Alaa Ibsa Baaseen Beeksiseera.

Gabaasni Mootummaa Ameerikaatiin Bahe Adeemsi nageenyaa hunda hirmaachisu Kan Itiyoophiyaan deeggarsa Taasisaa Turte kan karaatti Hanbisudha jedhe Ibsi ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Baase.

Daawwannaan Ministira Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken Itiyoopiyaatti taasisan Hariiroo Biyyoota Lamaanii Akka Cimsu Abdii Kan Agarsiisedha Kan Jedhe Ibsi Kun, Mareen Taasifamee fi Waliigalteen Irra Gahame gamtoomina Tarsiimawaa Biyyoota Lamaanii Ittifufsiisuuf Akka Gargaaru Amantaa Itiyoophiyaa Akka Ta’e Ibsameera.

Haqaa Ce’umsaa fi Marii Biyyaalessaatiin waliigaltee Uumuu dabalatee tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa miidhamtootaaf mirkaneessuuf akka fudhataman kan mirkaneesse ibsichi, Michoonni Itiyoophiyaa deggersa ijaaraa taasisuun adeemsa kana akka gargaaran waamicha dhiyeesseera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015