Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarse

198

Bitootessa 12/2015 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarsuusaa Waajjirri Mana Maree Ministira Muummee Beeksise.

  1. Manni Marichaa Jalqaba Wixinee Labsii Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Kan Mootummaan Qabamanii Irratti Yemmuu Ta’u Wixineen Labsii Dhihaates Sirni Korporeetiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Iftoominaa fi Ittigaafatama Kan Mirkaneessu Akka Ta’u, Bulchiinsi Faayinaansii Korporeetii Sirnasaanii Ammayyeessuun Dorgomuu Danda’uusaanii fi Bu’aqabeessummaasaanii Cimsuun kan Barbaachisu Waan Ta’eef, Bu’aasaanii Karaa Hinmiineen Dirqama Tajaajila Hawaasaa Karaa Bu’aqabeessa Ta’een Akka Bahan Idaa Irra Jiru  Fooyyessuu Kan Dandeessisu Waan Ta’eef Walumaa Gala Wixineen Labsii Guddina Dinagdee Biyyaarratti Gumaacha Olaanaa Akkka Bahan Dandeessisu Qophaa’ee Mana Mareef Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Itti Dabaluun Akka Ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera.

  1. Itti Aansuun Waliigaltee Wixinee Labsii Itiyoophiyaan Gibira Walirra Dhufu Hanbisuu fi Waliin dhahuu Taaksii Ittisuuf Mootummaa Logzambarg Akkasumas Konfedereeshinii Siwiiz Waliin Waliigalteewwan Taasifte Akka Ragga’an Irratti. Waliigalteewwan Taaksii Walirradhufu Hanbisuu fi Waliindhahuu Ittisuuf Itiyoophiyaan Mootummoota Lamaan Waliin Taasifte Abbootiin Qabeenyaa Biyyoota Lamaanii Qabeenyasaanii Biyya Keenyatti Invast Akka godhan Gama Jajjabeessuutiin Gumaacha Olaanaa Qabaachuun Olitti Abbootiin Qabeenyaa Galii Tokkoof Gibira Altokkoo Ol Akka Hinkafalle Kan Taasisu Waan Ta’eef Waliigalteewwan Kana Raggaasisuuf Wixineen Labsii Qophaa’ee Mana Maree Ministirootaaf Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Ittidabaluun Akka Raggaasifamu Mana Maree Bakka Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera.

  1. Xumurarrattis Manni Maree Kun Wixinee Danbii Korporeeshiniin Baabura Lafoo Itiyoophiyaa Ittiin hundaa’u Fooyyessuuf Dhihaaterratti Mari’ateera. Kaappitaala Korporeeshinichaa Kan Eeyyamamee fi Kan Kafalame Fooyyessuun Kaayyoo fi Ergama Itti Hundaa’e Galmaan Gahuu Akka Dandahu Keessumaa Bu’uraaleen Misoomaa Baaburaa Ijaarsarra Jiran Akka Xumuraman Kan xumuramanis Hojii Akka Jalqaban, Bu’uraalee Misoomaa Baaburaa Fuuladura Ijaaramaniif Humna Cimaa Akka Qabaatu Kaappitaalli Eyyamameef Ammoo Birrii Biiliyoona 22tti Akka Guddatu Kaappitaallisaa Maallaqa Callaa fi Akaakuun Kafalame Ammoo Birrii Biiliyoona 120 Akka Ta’u Wixineen Danbii Qophaa’ee Dhihaateera. Manni Marichaas  Wixinee Danbii Kanarratti Mari’atee Galtee Itti dabaluun Guyyaa Gaazexaa Magalataatti Maxxanfamee Baherraa Eegalee Hojiirra Akka Oolu Sagalee Guutuun Murteesseera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015