Galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jira

Bitootessa 12/2015(TOI) - Miseensaa Komishiinii idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal keessatti hirmaachuun galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jiraachuu Instiitiyutiin Sadarkaalee Itoophiyaa beeksise.

Inistiitiyutii sadarkaalee Itoophiya jalatti kan argamu miseensoota koreen Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaaf leenjii Elektiroonikisiifi tekinolijiiwwan biroon sadarkaa isaanii kan eeggata akka ta'aniif gargaaru kennameefira.

Komishiiniin idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaa dabalatee 170 biyyoota miseensoota kan qabu yoo ta'u Elektironik, Elektirikaaliifi Tekinolojiiwwan biroof akka idil addunyaatti sadarkaa kan kennudha.

Itoophiyaatti tekinolojiiwwan sadarkaa idil addunyaan kennameef akka eeggatan ta'uu isaanii kan mirkaneessuu Koreen biyyaalessa Elektiroo- tekinikaal hundaa'uun isaa ni yaadatama.

Koreen biyyaalessa Elektiroo-tekinikaal Itoophiyaa miseensoota dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan 205 kan qabu yoo ta'u isaan keessaa 34 damee Elektiroonikiifi Elektiroo makanikaal irratti kan bobba'anidha.

Daarektarri olaantuu Instiitiyuutii sadarkaalee Itoophiyaa doktar Masarat Baqqalee akka himanitti Biyya keessatti kan oomishamaniifi biyya alaa kan galan meeshaalee Elektiroonikiifi meeshaaleen isaan waliin hidhata qaban qulqullina isaanii kan eeggatan ta'uu qaba.

Kanaaf Itoophiyaan miseensa Komishiinichaa ta'uun oomishaaleen sadarkaa isaanii eeggatan akka hojiirra oolaniif sadarkaa baasuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kunis biyya keessatti kan oomishaman sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Haaluma kanaan Itoophiyaatti kan oomishaman haadni Elektironiik, Tiraanisformarootafi meeshaaleen Elektiromakaanilaaliin sadarkaa isaanii eeggatanii oomishamanii biyya keessatti tajaajilarra oolaa jiraachuu himaniiru.

Inistiitiyutichi abbummaan sadarkaa oomishaalee kan baasuu yoo ta'u Dhaabbanni madaalli majaa'ummaa sadarkaalee immoo oomishaaleen kunneen haala sadarkaa baheen dhihaachuu isaanii mirkaneessa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015