Hooggantoonni olaanaa fi jiddugaleessaa naannoo Harari dhimma biyaa fi nannoorratti mari’achaa jiru

192

Bitootessa 12/2015 (TOI - Hooggantoonni olaanaa fi jiddugaleessaa naannoo Harari dhimma biyaa fi nannoorratti mari’achuunsaanii ibsame.

Mariin kun murteewwan koreen hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa marii jidduu kana adeemsiseen dabarse irratti akka kiyyeeffate ibsameera.

Miseensi koree Hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee akkasumas itti Aantuun bulchaa naannoo Affaar fi miseensi Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Obbo Elemaa Abibeker, itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa obbo Abdujebar Mohaammad Pirezidaantii itti Aanaa naannoo Hararii fi hoggantuun waajjira Misooma Qonnaa Aadde Misraa Abdullaah dabalatee hoggantoonni olaanoo fi giddu galeessaa naannichaa waltajjicharratti argamaniiru.

Miseensi koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi ministirri Galiiwwanii adde Ayinaalem Nugusee sanada marii murteewwan koreen hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa jidduu kana dabarse qabate waltajjicharratti dhiheessaniiru.

Mariin kun har’a dabalatee guyyoota lamaaf akka turuodeeffannoon waajjira komunikeeshinii naannicharraa argame ni eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015