Godina Gujii Lixaatti karoora qabameen ol Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 6 walitti qabame. - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujii Lixaatti karoora qabameen ol Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 6 walitti qabame.

Bitootessa 12/2015 (TOI) : - Godina Gujii Lixaatti karoora qabameen ol Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 6 walitti qabamuu Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa beeksise.
Guyyaa dhagaan bu'uuraa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ka'aame Bitootessa 24 sababeeffachuun boondii birrii miliyoona 2 gurguruuf godinichatti sochiin taasifamaa jirachuu beeksiseera.
Godina Gujii lixaatti itti gaafatamtuun waajjira qindeessafi hirmaannaa uummata hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa aadde Faanosee Girmaa akka himanitti, Godinichi bara kana hidhichaaf deeggarsa birrii miliyoona 13 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jira.
Haga ammaattis hojii hojjetameen birriin miliyoona 19 walitti qabamuu eeruun, kunis karoora ol birrii miliyoona 6 walitti qabamuu himaniiru.
Deeggarsa hidhichaaf walitti qabame keessaa gurgurtaan boondii miliyoona 14.7 yoo ta'u kennaan immoo birrii miliyoona 4.3 kan walitti qabame ta'uu himaniiru.
Deeggarsa kanas kan taasisaan hojjetoota , Invastarootaa, daldaltota, Qonnaan bultoota, Horsiisee bultootaafi kutaalee hawaasaa adda addaa ta'uu himaniiru.
Kabaja guyyaa dhagaan bu'uuraa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa itti kaa'amee bitootessa 24/2015 kabajamu sababeeffachuun deeggarsa kana caalaatti cimsuuf hojjetama jirachuu aadde Faanoseen himaniiru.
Guyyaa sanatti boondii birrii miliyoona 2 gurguruuf karoorfamuu himaniiru.
Jiraatoonni godinichaas deeggarsa gama hundaan hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf taasisan cimsanii akan itti fufan ta'uu himaniiru.