Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa tapha waancaa Afriikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale

896

Bitootessa 12/2015 (TOI) :- Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa tapha dorgommii waancaa Afrikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale.

Taphatoota 23 kan of keessatti hammatee gareen kun kaleessa galgala gara Morookoo Kaazaabilaanlkaatti imaaluu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera.

Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa Tapha waancaa Afrikaa 34ffaa Kootdivuwaar qopheesiturratti hirmaachuuf gita isaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Giinii waliin Bitootessa 15 fi 18/2015 tapha gulaalli rammaaddi ni xaphata.

Leenjisaan garichaa Wubatuu Abaatee taphatootaa 23'f waamicha taasisuun Bitooteessa 6/2015 irraa jalqabee shaakala taasisaa turaniiru.

Garichi dheengadda Istaadeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti tapha madaallii gita isaa Ruwaandaa waliin taasisaniin goolii Kanaa'an Markineen galcheen 1 fi 0 injifachuun isaa ni yaadatama

Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa dorgommii waancaa Afrikaa irratti ramaddii garee Arfaffaa keessatti kan argaman Gibtsi, Maalaawii fi Giinii waliin kan ramadame yoo ta'u haga ammaatti tapaha lama taphateen qabxii 3 dursaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015