Hariiroo seensqabeessa Itiyoophiyaa fi Yemen hariiroo ummata biyyoota lamaanii fayyadamuun haaromsuu nibarbaachisa-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Bitootessa 12/2015 (TOI) – Hariiroo seenaqabeessa Itiyoophiyaa fi Yemen haaromsuuf hariiroo ummattootaa Kanaan dura ture fayyadamuun akka barbaachisu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ministira dhimma alaa Yemen doktar Ahimad Awaad Biin Mubaarak waliin mari’ataniiru.

Marii kanaanis haala wayitaawaa Itiyoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Kana malees hariiroo biyyoota lamaanii dameelee addaddaattiin jiru cimsuun akka barbaachisu eeranii, ministirri dhimma alaa kun yaalii hariiroo kana haaromsuuf taasifamu walitti dhiheenyaan akka hojjetan gaafataniiru.

Ministirri dhimma alaa Yemen doktar Mubaarak gamasaaniin biyyoonni lamaan marii siyaasaa akka isaan barbaachisu kaasaniiru.

Itti dabaluunis, mootummaan Yemen lammiilee Itiyoophiyaa biyyatti galuuf fedhii qaban deebisuuf yaalii taasifamuuf deeggarsa akka taasisu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015