Hanni bu'uuraalee humna Elektirikiirratti raawwata baasii guddaa fi addaan cicituutu humna ektirikii geesisaa jira

Bitootessa 11/2015 (TOI) -  Hanni bu’uuraalee misooma humna Elektirikiirratti raawwatamu mootummaa baasii guddaaf saaxiluu qofa osoo hin taane kenniinsa tajaajilaa irratti humni ibsaa akka addaan ciccituu taasisaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri Kominikeeshinii Humna Elektirikii Itoophiyaa obbo Mogoos Mokonniin hojiiwwan misoomaa fi qormaata damicharratti mudachaa jiru ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Obbo Mogoos akka himanitti  mootummaan damicharratti hojiiwwan misoomaa heddu hojjechaa jira. Ta'us hanni bu'uuraalee misoomaa humna Elektirikiirrattti raawwatamu damichaaf qormaata guddaa ta'aa jira jedhaniiru.

Hanni bu'uuraalee Misoomaa humna Elektirikiirratti naannolee biyyatti bakka adda addatti keessattuu sarara dabarsoo humna Elektirikiirratti raawwatamaa jiru adeemsa humna elektirikii hawaasa biraan gahuu gufachiisaa jira jedhaniiru.

Sababa yakka hannaa kanaan bara darbe qofa sarara dabarsoo humna ibsaa saamame suphuudhaaf Birriin miiliyoona 100 ol baasii ta'uu obbo Mogos himaniiru.

Hanni bu’uuraalee misooma humana elektirikiirratti raawwatamaa jiru mootummaa baasii guddaaf saaxiluu qofaa osoo hin taane kenniinsa tajaajilaa irrattis rakkoo addaan ciccituu elektirikii uumaa jira jedhaniiru.

Kanaaf maallaqni sarara humna elekirikii haaraa diriirsuuf ooluu qabu suphaadhaaf ooluun misooma damichaarratti rakkoo uumaa jira jedhaniiru.

Hawaasni hanna bu’uuraalee misoomaa Elektirikiirratti raawwatamu ittisuuf gahee isaa akka ba’u gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015