Biyyoonni Afriikaa milkaa’ina ida’amuu zooniif walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa si’achiisuu qabu-Komishinii dinagdee Afriikaa

142

Bitootessa 11/2015 (TOI) - Biyyoonni Afriikaa milkaa’ina ida’amuu zooniif walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa si’achiisuu akka qaban Komishinii dinagdee Afriikaatti daarektarri ida’amuu zoonii fi damee daldalaa Steefen Kaariingii ibsan.

Hojiirra oolmaa zoonii daldala bilisaa Afriikaa mijeessuun cimina gamtoomina zooniif murteessaa ta’uu eeraniiru.

Komishinii dinagdee Afriikaatti daarektarri ida’ama zoonii fi damee daldalaa Stiifen Kaariingii, turtii TOI waliin taasisaniin waliigaltee zoonii daldala bilisaa Itiyoophiyaa dabalatee friikaatti walitti hidhiinsi daldalaa fi gabaa cimaa akka jiru ibsaniiru.

Waljijjiirraa ida’amuu zoonii, walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa, hariiroo ummataa fi hawaasummaa dabalatee dameelee hedduu akka qabu eeraniiru.

Afriikaatti ida’amni zoonii biyyootaa dameelee addaddaatiin gudina boqonnaa addaddaa agarsiisaa  dhufuusaa kaasaniiru.

Kanaaf carraa zooniin daldala bilisaa uumeen biyyoonni Afriikaa walitti hidhiinsa bu’ura misoomaatiif xiyyeeffannoo kennuun ida’amuu zoonii si’achiisuun fayyadama waloo gamtaadhaan guddisuu qabu jedhaniiru.

Akkaataa waliigaltee zoonii daldala bilisaatiin waljijjiirraan meeshaalee fi tajaajilootaa walitti hidhiinsa bu’ura misoomaatii fi ida’amuu zooniin ala milkaa’uu hindanda’u jedhaniiru.

Kanaaf waljijjiirraa daldalaa fi gabaa zoonichatti taasifamu faayidaan amma barbaadamu argamuu akka hindandeenye dubbataniiru.

Ida’amuu Ardii si’achiisuun misooma Afriikaaf murteessaa waan ta’eef hojiirra oolmaa waliigaltee zoonii daldala bilisaa Afriikaa saffisiisuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Weerarri kooviid-19 fi lolli Ruusiyaa Yuukireen Biyyoonni Afriikaa qabeenyota biyya keessaa fi idil addunyaa bu’uura misoomaa diriirsuuf akka hinoolchine akka taasise eeraniir.

Kanaaf ida’amuu ardii fi gamtoomina cimsuuf walitti hidhiinsa bu’ura misoomaaf xiyyeeffannoon hojjechuun amma jedhaniiru.

Biyyoonni Afriikaa milkaa’ina ida’amuu zooniif walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa saffisiisuu qabu jedhan daarektarri ida’amuu zoonii fidamee daldalaa Stiifen Kaariingii.

Geejjibni qilleensaa Afriikaa tokko Afriikaa walitti hidhuuf humna olaanaa akka qabu eeraniiru.

Kanaaf mootummoonni Afriikaa daandiiwwan qilleensaa Afriikaa biyyoota hundatti buufattoonni Xiyyaaraa daandii geejjibaa tokko jalatti akka ijaaraman eeyyamuun namoonni, shaqaxnii fi tajaajiloonni biyya tokkorraa gara biyya biraatti deddeebii taasifamu akka si’achiisan eyyamuu qabu jedhaniiru.

Waliigaltee sochii bilisaa Afriikaa biyyoonni hundi raggaasisanii hojiirra oolchuu akka qaban hubachiisaniiru.

Biyyoonni muraasni Afriikaatti viizaa malee deddeebi’uu kan eyyaman akka jiran kan kaasan daarektarichi, biyyoonni 25 viizaa bakka gahumsaa kennaa kan jiran yoo ta’u, muraasni ammoo tajaajila viizaa elektirooniiksii kennuu jalqabuunsaanii  kan  nama jajjabeessudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015