Gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf miseensonni mana maree xiyyeeffannoon hojjechuu qabu-Af-yaa’ii mana maree naannoo Sidaamaa

231

Bitootessa 11/2015 (TOI) - Gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummanni gaafatu deebisuuf miseensonni mana maree xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Af-yaa’iin mana maree naannoo Sidaamaa hubachiisan.

Yaa’iin idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa mana maree naannoo Sidaamaa adeemsisaa jira.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa baniinsa yaa’ichaarratti akka jedhanitti, miseensonni mana maree karoora mootummaan naannichaa qabate hojiirra ooluusaanii hordofuu qabu.

Miseensonni mana maree ummata isaan filate waliin dubbachuun qindoominaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Marii ummata waliin taasifameen gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii hedduun akka jiran af-yaa’iin kun yaadatanii, gaaffilee kanneeniif deebiin kennamuusaa miseensonni mana maree hordofuu akka qaban hubachiisaniiru.

Yaa’iin kun turtii guyyoota lamaatiin raawwii hojii mootummaa baatiiwwan torba darbanii niqorata, labsiiwwan addaddaarratti mari’atee niraggaasisa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015