Hidha kuusaa bishaanii 18 godina Booranaatti ijaaramaa jiran keessaa torba bishaan itti kuufamuu jalqabe

172

Bitootessa 11/2015 (TOI) - Hidha kuusaa bishaanii 18 mootummaa naannoo Oromiyaatiin godina Booranaatti ijaaramaa jiran keessaa torba bishaan itti kuufamuu jalqabuun ibsame.

Godina Booranaatti wayitiiwwan rooba shan osoo hin roobiin hafuusaatiin ongeen uumame keessumaa beelladarratti miidhaa geessisuunsaa nibeekama.

Balaa ongee kana dura dhaabachuuf mootummaa fi dhaabbileen addaddaa deeggarsa taasisaa jiru.

Mootummaan federaalaa fi naannoos godinichatti lammiilee kuma 867 caalaniif deeggarsaa fi gargaarsa namoomaa taasisaa akka jiran nibeekama.

Ongee godinichatti irra deddeebi’ee qaqqabu egereef damdamachuuf pirojektoonni addaddaa hojjetamaa jiru.

Kanneen keessaa hidhaaleen kuusaa bishaanii mootummaa naannichaan hojjetamaa jiran ni eeramu.

Bulchaan godina Booranaa Abdilsalaam Waariyoo, dhimma kanarratti TOI waliin turtii taasisaniin ongee naannichatti irra deddeebi’ee mudatuun rakkoo  hanqina bishaanii jiru furuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Haala Kanaan Pirojektii “Fiinaa” jedhamuun hidhi 14 hojjetamaa kan jiran yemmuu ta’u, idileedhaan hidhi kuusaa bishaanii jiddugaleessaa fi xiqqaa afur ijaaramaa akka jiran eeraniiru.

Hidha kuusaa bishaanii godinichatti ijaaramaa jiran 18 keessaa torba bokkaa jidduu kana bokkaan waan roobeef bishaan kuusuu jalqabuusaanii dubbataniiru.

Haala Kanaan nyaata loonii magarsuu fi hojiiwwan jallisii jalqabamuusaa kaasaniiru.

Pirojektoonni kunneen hojjetamuusaaniitiin horsiisee bultoonni naannawichaa abdii horachuusaanii eeranii, pirojektiin “Fiinaa” rakkoo bishaanii naannawichaa egereef hiikuuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Ongee yeroo dheeraa booda godina Booranaatti jidduu kana roobni roobuu jalqabuusaatiin horsiisee bultoonni hojii qonnaa hojjechaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015