Nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessattii dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira

209

Bitootessa 11/2015(TOI) - Nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessattii dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa  akka jiru itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Waltajjiin qindoomina biyyaa dippilomaasii dinagdee 7ffaan Finfinneetti taa’amaa jira.

Waltajjiin kun mata duree “hojii farra kontirobaandii cimsuun misooma hawaas dinagdee fi nageenya biyya keenyaa nimirkaneessina, hojmaata qindoominaa cimsinee misooma biyya keenyaa nisaffisiifna” jedhuun adeemsifamaa jira.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, pirezidaantota naannoo dabalatee kantiibonni magaalaa, ministiroonni, ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaatti Itiyoophiyaa bakka bu’an, hooggantoonni federaalaa fi naannoo waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, nageenyii fi tasgabbiin Itiyoophiyaa keessatti dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessaa akka jiru ibsaniiru.

Nageenya argame cimsuun invastimantii kallattii alaa fi misoomaaf haala mijataa uumuun hojii hundarraa eegamudha jedhaniiru.

Guddina dinagdee biyyaa mirkaneessuuf hanqinoota damee Invastimantiin mul’atan sirreessuun dirree misoomaa mijataa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Ommishoota qonnaa fi kanneen biroo karaa kontirobaandii Itiyoophiyaarraa bahaniin biyyoonni biroo dorgomaa ta’uu danda’uusaanii kaasaniiru.

Hanqina sirna daldalaa alaarratti mul’atuun qabeenyiItiyoophiyaa karaa seeraan alaa bahaa akka jiran eeranii, alseerummaan kun hafuu akka qabu dubbataniiru.

 Kontirobaandiin guddina quucarsuun sochii dinagdee biyyaa faallessuun dhiibbaa olaanaa akka akka geessisu eeraniiru.

Sochii daldala seeraa alaatiif furmaata kennuudhaan Invastimantii jajjabeessuuf hoggantoonni mootummaa federaalaa amma naannoleetti jiran ittigaafatamasaanii sirriitti akka bahan hubachiisaniiru.

Waltajjii kanarratti waraqaan barreeffamaa dhimmoota “rakkoolee invastimantii quunnamanii fi yaada furmaataa” akkasumas “ Itiyoophiyaatti haala qabatamaa kontirobaandii fi daldalaa” jedhu komishinara Invastimantii Lalisee Namee fi komishinara Gumuruukaa Dabalee Qaabataan dhihaatee mariin taasifamaa jira.

 Waltajjiin qindoomina biyyaa dippilomaasii dinagdee bara 2003 kan hundaa’e yemmuu ta’u, waltajjiin kun hudhaalee dameelee Invastimantii furmaata kennuun haala Invastimantii mijataa uumuuf kan kaayyeffatedha.

Kaayyoon olaanaa qophii waltajjii kanaa dameelee Invastimantiim tuurizimii, daldala alaa fi kanneen biroorratti qindoominaan hojjechuuf yaaduun akka ta’e ibsameera.

Waltajjichi gamtoomina dinagdee biyyaa cimsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015