Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan.

322

Bitootessa 11/2015(TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan dhuma torban kanaa biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan.

Maraatoonii Dhiirootaan Ameerikaa Loosaanjalasitti geggeeffameen Atileet Jamaal Himar tokkooffaan yoo xumuru, Atileet Yamaanee Tsaggayee sadarkaa lammaffaan xumureera.

Dorgommii maraatoonii dubartootaa magaala gudditti Tayiiwaan Taypeetti geggeeffameen Baqqalech Guddataa, Masarat Dinqeefi Gabaayinesh Ayyalaa walitti aansuun sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaatti galuun injifataniiru

Chaayinaa Shingeezitti dorgommii maraatoonii geggeeffameen saala lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa injifataniiru.

Haaluma kanaan dhiirotaan atileet Baantaayyoo Adaanee 1ffaan xumuruun yoo injifatu dubartootan immoo Agaree Taamir sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti.

Dorgommii maraatoonii Barsaloonaatti geggeeffameenis atileetiin Itoophiyaa Zenebaa Yimar sadarkaa tokkooffaan injifateetti.

Dorgommii walakkaa maraatoonii Ameerikaa Niwuyoorikitti geggeffameenis dubartootaan atileet Sambaree Tafarii sadarkaa 2ffaan injifateetti.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015