Yaa’iin idilee ministiroota faayinaansii, misooma dinagdee fi plaanii komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii 55ffaa jalqabame

Bitootessa 11/2015 (TOI) - Yaa’iin idilee ministiroota faayinaansii, misooma dinagdee fi plaanii komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii 55ffaa sadarkaa ministirootaatti har’a Finfinneetti jalqabame.

Walgahiin idilee kun mata duree” deebi’ee bayyanachuu fi jijjiirama Afriikaa si’achiisuun alhaqummaa fi saaxilamummaa hir’isuu” jedhuun  adeemsifama.

Ministiroonni faayinaansii,karooraa fi misooma dinagdee fi bakka bu’oonni, hooggantoonni dhaabbata Dh.M G., deeggartoonni misoomaa fi qoodafudhattoonni kanneen biroo argamaniiru.

Walgahiin idilee kun sadarkaa ogeessotaatti guyyoota sadiif adeemsifamaa tureera.

Ogeessonni kunneen dhimmoota hiyyumnii fi alhaqummaan Afriikaatti mul’atu akkasumas balaawwan uumamaa fi namtolchee haala ittisuun danda’amurratti  mari’ataniiru.

Jijjiiramoota walitti hidhiinsa zoonii irratti jiran dabalatee dhimmoota dinagdee fi hawaasummaarratti mari’ataniiru.

Ministiroonnis dhimmoota ogeessonni komishinichaa guyyoota sadan darban ajandaalee addaddaarratti mari’atanii dhiheessan irratti mari’achuun murtee nidabarsu jedhameetu eegama.

Walgahiin ministirootaa guyyoota lamaaf nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015