Lammiilee Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate

155

Bitootessa 11/2015 (TOI) – Naannoo Kibbaa lammiilee godina Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate

Godinichatti waggoota afur walitti aansuun waan hinroobneef ongeen mudachuun kutaaleen hawaasaa addaddaa rakkoof saaxilamuusaanii miseensonni mana maree fi bakka buutonni kutaalee hawaasaa ibsaniiru.

Saba Koonsoo fi miseemsa mana maree bakka bu’oota ummataa akkasumas daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Salamoon Sokkaa bakka bu’oonni hawaasaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, miseensonni hayyootaa, bakka bu’oonni  dargaggootaa,dubartootaa fi daa’immanii akkasumas hooggantoonni bakka argamanitti haala yeroorratti mari’ataniiru.

Nageenya naannoo mirkaneessuu, lammiilee sababa ongeetiin beelaa fi buqqaatiif saaxilaman deebisanii dhaabuu fi hojii nyaata dhiheessuu hatattamaan hojjechuuf Itiyoophiyaanonni hundi xiyyeeffannoo akka kennaniif kutaaleen hawaasaa kunneen gaafataniiru.

Ummanni Koonsoo balaan uumamaa ciminasaa qoru waan uumameef balaa beelaa fi qe’eerraa buqqa’uuf saaxilamuusaa eeraniiru.

Balaawwan uumamaa fi namtolchee Koonsootti mudate furuuf mootummaa federaalaarraa kaasee dhaabbileen gargaarsaa akkasumas lammiin Itiyoophiyaa hundi akka birmatu obbo Salamoon waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon qajeelcha komunikeeshinii mootummaa godinichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015