Manni marii naannoo Sidaamaa ya’ii idilee gaggeessuu jalqabe

Bitootessa 11/2015 (TOI) .... Manni maree mootummaa nannoo Sidaamaa yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii lammaffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu jalqabe.

Yaa’iin idilee mana maree kun guyyoota lamaaf akka adeemsifamu beekameera.

Yaa’in kun gabaasa raawwii hojii baatiiwwan torbaa pirezidaantii naannichaa obbo Dastaa leendaamoon dhihaatu mari’achuun niragaasisa jedhameetu eegama.

Kana malees labsiiwwan addaddaa dhihaatanii marii taasisuun niraggaasisa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015