Ministirri dhimma alaa Yemen doktar Ahimad Awaad Biin Mubaarak Finfinnee dhufan

181

Bitootessa 11/2015(TOI) - Ministirri dhimma alaa Yemen doktar Ahimad Awaad Biin Mubaarak dawwannaa hojiif har’a ganama Finfinnee dhufaniiru.

Ministirri dhimma alaa Yaman buufata Xiyaaraa Boolee wayita gahan se’eetaan ministira alaa Misgaanuu Araggaa simataniiru.

Doktar Ahimad turtii Itiyoophiyaatiin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu danda’anirratti nimari’atu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015