Paartiin Badhaadhina fayyadamummaa haqa qabeessa sirna dimokiraatawwaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.

‘Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa haqa qabeessaafi sirna dimokraatawaa mirkaneessuuf hojjetaa jira

Bitootessa 10/2015(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa tokkummaa, fayyadamummaa haqa qabeessaafi sirna dimokraatawaa irratti hundaa’e biyya keenya keessatti babal'isuuf carraaqaa jiraachuu, Itti aanaan Pirezidaantii  Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah himan.

 Leenjiin Liigii koree Giddugaleessaa Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa mata duree “Badhaadhinni hunda galeessaa Itiyoophiyaa humna Dargaggootaan mirkanaa'a ” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti kennamaa ture xumurameera.

 Xumura leenjichaarratti kan argaman Pirezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, hojiin paartichaa inni guddaan fayyadamummaa dinagdee haqa qabeessaa fi hirmaannaa wal-qixxummaa Itiyoophiyaa keessatti mirkaneessuudha. 

Kunis biyya ummanni qabeenyaafi dandeettii qabuun hojjetee badhaadhuu danda’u ijaaruuf balbala baneera jedhan.

Hoggantoonni fi miseensonni Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaas, hojii fayyadamummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiru keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban dhaamaniiru. 

Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Amaaraa Dr Geetaachoo Janbar gama isaaniin, miseensonni koree giddu galeessaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa rakkoo finxaalessuummaa mul’achaa jiru irratti qabsaa’uufi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf galma qabame milkeessuu keessatti gahee keessan bahachuu qabdu jedhaniiru. 

Dargaggoota yaada tarkaanfataa fi jijjiirama Itiyoophiyaa sadarkaa hundatti mirkaneessuuf carraaqqan horachuuf hojjetamaa jiraachuu, Pirezdaantiin Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa, Dargaggoo Akliluu Taaddasaa himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015