Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsitee fayyadamuuf yaalii taasiftu nideeggarra-Komishinii dinagdee Afriikaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsitee fayyadamuuf yaalii taasiftu nideeggarra-Komishinii dinagdee Afriikaa

Bitootessa 09/2015 (TOI) - Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsitee fayyadamuuf yaalii taasiftu deeggaruuf qophii ta’uusaa Komishinii dinagdee Afriikaa ibse.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri Afriikaa bahaa komishiniin dinagdee Afriikaatti doktar Maamaa Keetaa, Turtii TOI waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii fi humna misoomuu kan qabdudha.
Afriikaa bahaatti hariiroo ummatootaa, walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee si’achiisuuf murteessaa ta’uusaa eeraniiru.
Kanaaf guddina misooma yuuriizimii Itiyoophiyaaf komishiniin dinagdee Afriikaa deeggarsa hundagaleessa gochuuf qophiidha.
Sochiiwwan Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsuun damee kanarraa fayyadamuuf taasiftu deeggarsa teekniikaa fi kanneen biroo nitaasisa jechuun mirkaneessaniiru.
Qabeenyi Tuurizimii Itiyoophiyaa baay’ee ta’uu doktar Maamaan eeranii, Teessumni lafaa, seenaa fi hambaanshee, haalli qilleensaa, qkennaan uumamaa fi namtolchee qabeenya guddaadha jedhaniiru.
Qabannaa raga fi misoomni turizimii damee Kanaan biyyattiin adeemsisaa jirtu komishiniin dinagdee Afriikaa deeggarsa taasisu itti fufa jedhaniiru.
Imaammannii fi tarsiimoon biyyoonni Afriikaa bahaa hiyyuma jalaa bahuuf bocan irra guddeessa damee tuurizimii yaada keessa kan galche ta’uu akka qabu gorsaniiru.
Albuunni, qonnaan akkasumas sektaroonni carraa hojii uuman kanneen biroon hiyyuma jalaa bahuuf filaata gaarii akka ta’an himaniiru.
Naannichatti walitti hidhiinsa daldalaa, bu’uura misoomaa fi kanneen biroo cimsuunis xiyyeeffannoon kennameera.
Zooniin daldala bilisaa Afriikaa wayita hojiirra oolu lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun hiyyuma keessaa bahuuf shoora guddaa akka qabaatu daarektarittiin dubbataniiru.