Walgahiin koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa qormaatilee injifachuudhaan Itiyoophiyaa fooyyoftuu ijaaruuf hojiilee jalqabaman cimsuuf waliigalteen kan itti uumamedha

272

Bitootessa 09/2015(TOI) - Walgahiin koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa qormaatilee wayitaawaa fi biyyaa injifachuudhaan Itiyoophiyaa fooyyoftuu ijaaruuf hojiilee jalqabaman cimsuuf waliigalteen kan itti uumame ta’uu miseensonni koree hojii raawwachiiftuu paartichaa ibsan.

Walgahiin koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kallattiiwwan addaddaa kaa’uun xumurameera.

Walgahiin miseensota koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa hojiiwwan fuula duraaf waliigalteen kan itti uumame ta’uu dubbataniiru.

Walgahii Kanaan dhimmoota wayitaawaa fi biyyaarratti mariin taasifamuu eeranii, hojiiwwan Itiyoophiyaa gara boqonnaa caaluutti ceesisuuf taasifaman cimanii akka itti fufan waliigalteerra gahamuu kaasaniiru.

Miseensi hojii raawwachiiftuu paartichaa obbo Fiqaaduu Tasammaa akka jedhanitti ajandaawwan badii qaamolee addaddaan uumaman Itiyoophiyaa qoraa akka jiran hojii raawwachiiftuutiin gadi fageenyaan qoratameera jedhan.

Bilisummaa sirnaan bulchuu dadhabuun qaamoleen addaddaa miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun gamtoomina Itiyoophiyaanotaa bara dheeraaf ijaarame diiguuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Fuula dura gamtoomina keenya cimsuun rakkoo kana sirreessuun akka barbaachisu waliigalameera jedhan.

Gama Kanaan hooggansi sadarkaan jiru waliin jireenya ummattootaa eegsisuuf addadurummaan hojjechuu akka qabu kallattiin kaa’ameera jedhan.

Miseensi koree hojii raawwachiiftuu kan biraan Girmaa Yeshiixilaa adeemsi ijaarsa mootummaa kanhinxumuramne ta’uun walqabatee humoonni keessumaa seenss fi seenessuudhaan ummata adda baasuuf hojjetan akka jiran eeraniiru.

Ajandaaleen ummata adda baasuuf qabaman humnoota biyya keessaan qofa osoo hinta’iin jiraachuu Itiyoophiyaa kan hinbarbaanne humnoota alaan walta’uun kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Kanaaf fuula dura ummata hirmaachisuun rakkoolee wayitaawaa fi biyya sadarkaan jiran hiikuuf nihojjetama jedhaniiru.

Amma caasaa gadiitti bu’uun ummata mariisisuun kallattiiwwan koree hojii raawwachiiftuun kaa’aman akka raawwatan akka hojjetamu eeraniiru.

Miseensi hojii raawwachiidtuu paartichaa obbo Tsaggaayee Maammoo gamasaaniin, finxaalessummaan qormaata yeroo kanaa  ta’uusaa eeranii, adeemsa badii kana  qabsaa’uun daandiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuun akka barbaachisu waliigalameera jedhaniiru.

Kanaaf ammoo dhaabbilee haqaa fi nageenyaa cimsuurratti xiyyeeffannoodhaan hojjechuun akka barbaachisu waliigalteerra gahamuu dabalanii dubbataniiru.

Hjii raawwachiiftuun paartichaa qormaatilee qaala’iinsa jireenyaa hiikuurratti xiyyeeffatee mari’achuunsaa eerameera.

Humnoota osoo hanqinni oomishaa hinjiraanne daballii gatii taasisuuf socho’anirratti tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuu akka qabu kallattiin kaa’amuu hojii raawwachiisaan paartichaa Mogos Baalchaa dubbataniiru.

Miseensi hojii raawwachiiftuu paartichaa obbo Zalaalam Kabbadaa ajandaawwan badii kallattii addaddaarraa tamsa’an ummatarratti dhiibbaa akka uuman eeyyamuun akka hinbarbaachifne miseensonni koree hojii raawwachiiftuu waliigaluusaanii dubbataniiru.

Kanaaf hooggantoonni sadaraan jiran gamtaa ummataa cimsuun qabeenyota naannoo addaddaa jiran faayidaa ummataaf oolchuuf kutannoon akka hojjetan kallattiin kaa’amuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015