Itti aanaa Kantiibaa Jaanxiraar Abbaay pirojektoota kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti birrii miiliyoona 328 oliin ijaaraman eebbisan

243

Bitotessa 09/2015(TOI) - Itti aanaa Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay pirojektoota kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti guyyoota 90 darban birrii miiliyoona 328 oliin ijaaraman eebbisanii tajaajila jalqabsiisaniiru.

Itti aanaa kantiibaa Jaanxiraan dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Pirojektiin kun horiisa lukkuu, jiddugaleessa nyaataa, iddoowwan Ispoortiin itti hojjetamu, manneen jireenyaa, qonna magaalaa, misooma addababayii , ibsaa fi kanneen daandii adda baasan akka of keessaa qabu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015