Ga’umsi ogeessota fayyaa tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf shoora olaanaa gumaacha-Doktar Liyaa Taaddasaa

254

Bitootessa 09/2015 (TOI)-Ga’umsii fi kaka’umsi ogeessota fayyaa tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf gumaacha akka taasisu ministirri fayyaa doktar Litaa Taaddasaa ibsan.

Yaa’iin waggaa waldaa yaalaa Itiyoophiyaa 59ffaa fiagarsiifni fayyaaidil addunyaa adeemsifamaa jira.

Ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa waldaan yaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaaf gumaacha “hedduu” taasisuusaa ibsaniiru.

Ministirri fayyaa sirna fayyaa sadarkaa biyyaatti jiru gabbisuuf tarsiimoowwan addaddaa bocuun qooda fudhattoota hunda waliin gamtaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Qulqullinnii fi haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuu fitajaajila fayyaa odeeffannoorratti hundaa’e kennuuf sirna hooggansaa fi faayinaansii fayyaa cimsuu barbaachisa jedhaniiru.

Akkasumas hojjettoonni damee fayyaa kaka’umsa kan qaban ga’oomaa finaamusa kan qaban gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ta’uus doktar Liyaan ibsaniiru.

Haala Kanaan waldaan yaalaa Itiyoophiyaa koorsiiwwan addaddaa qopheessuun, qaqqabummaa fooyyessuun, qa’umsa mirkaneessuu fi leenjii dhiheessuun hojii hojjechaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhuunfaa keessatti teeknooloojiiwwan ammayyeessuun akka barbaachisuu fi kanaaf ammoo waldaaleen ogummaa, ogeessonni yaalaa, kutaaleen hawaasaa addaddaa dhaabbileen miidiyaa qindoomanii qoodasaanii akka bahan doktar Liyaa hubachiisuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015