Tamsaasa Kallatti:

Aanaa Laaloo Asaabiitti Hospitaalli sadarkaa jalqabaa xumuramuus tajaajila waan kennuu hin jalqabneef rakkoo adda addaaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni himan.

Bitootessa 4/2015(TOI) - Godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Asaabiitti Hospitaallii sadarkaa jalqabaa tokko ijaarsi isaa xumuramus tajaajila kennuu waan hin jalqabneef rakkoo adda addaaf saaxilamuusaanii jiraattoonni aanichaa himan.

Waajjirri Fayyaa godinichaa bara kana meeshaalee fi Ogeeyyii Hospitaalicha barbaachisu guutuun hojii kan jalqabu ta'uu beeksiseera.

Ijaarsi isaa bara 2009 jalqabamuun yeroo kaa'ameef keessatti hojiin ijaarsa Hospitaalichaa xumuramee tajaajilaaf ni gaha jedhamee eegamuus haga ammaatti hojii kan hin jalqabne ta'uu beeksiseera.

Jiraatoonni aanichaa TOItti akka himanitti naannawwaa isaaniitti tajaajila yaala fayyaa barbaadan dhiheenyaatti argachuuf xumuramuu ijaarsa Hospitaalichaa abdiin eeggachaa turan.

Akka yaadame ta'uu didee yeroo ammaa tajaajila yaala fayyaa barbaadan argachuuf daandii fagoo deemuun gara aanaalee oollatti deemanii argachaa waan jiraniif rakkoo adda addaaf saaxilamaa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsi Hospitaala kana xumuramee osoo jiruu maaliif tajaajila kennuu akka hin jalqabne yeroo adda addaatti gaafatamuus deebii gahaa argachuu dhabuu jiraatoonni kunneen himaniiru.

Kanarraa kan ka'e jiraattoota aanichaa biratti rakkoo bulchiinsa gaarii ta'ee akka jiruus jiraatoonni kun himaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaalatu rakkoo isaanii kana hubachuun Hospitaalichaaf meeshaaleefi Ogeeyyii barbaachisu guutuun rakkoo isaanii akka furuuf gaafataniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa aanaa Laaloo Asaabii obboo Shimallis Eebbaa komiin uummata aanichaa sirriidha jedhaniiru.

Haala Hospitaalichi yeroo ammaa itti jiruun meeshaaleefi ogeeyyii barbaachisu guutuun humna aanaatii ol ta'uu himaniiru. Kanaaf Waajjira Fayyaa Godinaatti yeroo adda addaa beeksisuu himaniiru.

Yaalii taasifameenis bara kana Hospitaalichaaf meeshaaleefi ogeeyyiin barbaachisaan guutamanii hojii kan jalqabu ta'uu Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin waliigalteerra gahamuu himaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Wallagga Lixaa obbo Salamoon Caalaa gama isaaniin hojiin ijaarsa Hospitaalichaa erga xumuramee Biiroon Fayyaa Oromiyaa meeshaaleefi ogeeyyii barbaachisaan guutuuf yaalaa tureera.

Bara 2013 sababa weerara Vaayirasii Koroonaan, bara 2014 immoo sababa rakkoo nageenyaa naannawwicha tureen haga ammaatti osoo hin guutamiin turuu himaniiru.

Bara kana garuu rakkoon nageenyaa naannawwicha jiru waan fooyya'eef meeshaaleefi humni namaa barbaachisu guutamuun Hospitaalichi Hojii kan jalqabu ta'uu hiamniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015