Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii Itiyoophiyaatti taa’ame dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idiladdunyaa gama waliingahuutiin bu’aqabeessa akka ture ibsame

485

Bitootessa 02/2015 (TOI)- Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa Itiyoophiyaan keessummeessite keessummoota keessummeessuu fi dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa gama waliingahuutiin bu’a-qabeessa jedhame.

Itiyoophiyaan waltajjii hooggantoota olaanoo ‘IGF’  (Internet Governance Forum) Ostiriyaa Viyeenaatti adeemsifamaa jirurratti muuxannoo kana itti aansuun kan qopheessitu Jaappaaniif qooddeetti.

Yaa’ii Kanaan hammattummaa dijitaalaa, hubachuu namtolchee, teeknooloojii haaraa, nageenya odeeffannoo marsariirii fi dhimmoota bulchiinsa intarneetii kanneen biroo gama waliin gahuutiin milkooftuu turte jedhameera.

Waltajjii hooggantoota olaanoo bulchiinsa Intarneetii Viyeenaatti taasifamaa jiruu fi walgahii koree gorsaa hundagaleessa  irratti de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii akkaataa Itiyoophiyaan yaa’icha milkooftee itti keessummeessite qoodaniiru.

Qaamolee yaa’iin Itiyoophiyaan keessummeessite akka milkaa’u  taasisan minister de’eetaan kun galateeffatanii yaa’iin Jaappaanitti adeemsifamu akka milkaa’u hawwiisaanii ibsaniiru.

Koreen hooggantoota olaanoo fi gorsaa hundagaleessaa  dhaabbilee addaddaa Ostiriyaa Viyeenaatti argaman daawwataniiru.

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 17ffaa Itiyoophiyaatti kan qophaa’e yoo ta’u, yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 18ffaa baatii Onkoloolessaa dhufu Jaappaan Tookiyootti akka adeemsifamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015