Inistiitiyuutonni lama Yunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

408

Bitootessa 01/2015 (TOI) – Inistiitiyuutiin misooma industirii albuudaa fi inistiitiyuutiin ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii misooma industirii albuudaa doktar Guutaa Laggasaa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii ji’ooloojikaal Itiyoophiyaa doktar Dajanee Hayilamaaramii fi pirezidaantiin itti aanaa Yuunivarsiitii saayinsii fi teknooloojii Adaamaa doktar Alamuu Disaasaa waliigalticha walii mallatteessaniiru.

Waliigaltichi qorannoowwan damee albuudaa bu’a qabeessa gama taasisuu, misooma humna namaa fi damee teeknooloojiin gamtaan hojjechuuf kan dandeessisudha jedhameera.

Pirezidaantiin itti aanaa Yuunivarsiitii saayinsii fi teknooloojii Adaamaa doktar Alamuu Disaasaa waliigaltichi qorannoo fi qu’annoo, teeknooloojii fi gabbisa dandeettii humna  namaa irratti dhaabbilee kanneen gamtaan hojjechuuf akka dandeessisu himaniiru.

Haala walfakkaatuun Inistiitiyuutiin misooma Industirii Albuudaa dhaabbata misooma galteewwan industirii Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Industirii albuudaa doktar Guutaa Laggasaa gamasaaniin, waliigalteen kun hojiiwwan damee albuudaa bu’aqabeessa taasisuuf hojjetaman teeknooloojii fi misooma humna namaatiin kan deeggarudha jedhan.

Damee Kanaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, biyyoota ollaa waliin dorgomaa ta’uuf qorannoo fi qu’annoo taasisuufis akkasuma.

Inistiitiyuutiin Ji’ooloojikaal Itiyoophiyaa laaboraatoorii albuudaa fi tajaajiloota biroorratti damee albuudaa deeggaraa akka jiru wayita kana ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015