Qoodmaa bulchiinsa dijitaalaa addunyaatiin qormaanni biyyoota guddachaa jiranii ta’uun ibsame

423

Guraandhala 01/2015(TOI)- Qoodmaa bulchiinsa dijitaalaa addunyaatiin qormaanni biyyoota guddachaa jiranii waan ta’eef furmaanni kennamuufii akka qabu Itiyoophiyaan hubachiifte.

Itiyoophiyaan kan itti hirmaatte yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa garee gorsituu hooggantoota olaanoo fi qooda fudhattootaa Ostiriyaa Veenaatti mari’achaa jira.

Miseensi Waltajjichaa fi  de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa Huriyaa Alii,qoodmaan dijitaalaa qormaata biyyoota guddachaa jiranii waan ta’eef ajandaa yaa’ii kanaa ta’ee mari’atamuu akka qabu cimsanii kaasuun ajandaa ta’ee akka qabamu gaafataniiru.

Yaa’ichis fudhatee qoodmaan dijitaalaa ajandaa marii bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa kan bara 2023 ta’eera.

De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huriyaa Alii, biyyoota guddachaa jiranitti, saala, afaan, oguma dijitaalaa,qaqqabiinsa Intarneetii, naannawa, meeshaalee ayisiitii fidhimmoota kanneeniin walqabatan birootiin daanggessuu fi qoodmaan akka mul’atu eeraniiru.

Kanaaf yaa’iin kun bal’inaan mari’atee yaada furmaataa dhiheessuu akka qabu himaniiru.

Walitti qabaan waltajjii hooggantoota olaanoo Viint Serf, nageenyi Intarneetii kan eegame, si’ataa, itti fufiinsa kan qabuu fi haqa qabeessa akka ta’u hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Waltajjichis qoodmaa dijitaalaa akka ajandaa tokkootti fudhatee mari’achuuf murteesseera.

Sirna baniinsaa yaa’ii bulchiinsa Intarneetii 17ffaa Itiyoophiyaan qopheessitee fi Finfinneetti taa’amerratti Ministirri RDFI doktar Abiyyi Ahimad, imala tiraanisfoormeeshinii ayisiitii fi dijitaalaa Itiyoophiyaa guddisuun foramichi yaadota “qabatamaa fi kanhojiirra ooluu” danda’an akka qopheessu gaafachuunsaanii niyaadatama.

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 18ffaa waggaa dhufu Jaappaanitti ni adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015