Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaa aanaa Manchootti Oomishinni Qamadii Jallisii bonaan oomishamee walitti qabamuu jalqabe.

Guraandhala 30/2015(TOI) - Godina Jimmaa aanaa Manchootti Oomishinni Qamadii Jallisii bonaan oomishamee maashina midhaan haamuufi calleessuu Kombaayinaraan walitti qabamuu jalqabe.

Qonnaan bultoonni aanichaa oomisha qamadii jallisiin bonaan oomishaan mala aadaafi maashini midhaan callessuun walitti qabachaa jiraachuu himaniiru

Oomisha jallisiin oomishinne kana maashina midhaan haamuufi calleessuu Kombaayinaraan walitti qabachuun keenyaa qisaasama oomishaa hir'isuun cinaatti dadhabbii kanaan dura oomishaa walitti qabuurratti isaan mudatu hambisuufiisaan hojii dabalataaf nu kakaaseera jedhaniiru.

Akka qonnaan bultoonni kunneen himanitti, oomishinni qamadii jallisiin yeroo bonaa oomishamuu yeroo dhihoo akka biyyaatti jalqabame akka Godina Jimmaattis baramaa dhufeera.

Qonnaan bultoonni aanichaa akka himanitti oomisha qamadii jallisiin bara kana oomishaa Kombaayinaraan walitti qabaa jiraachuu himanii, oomishinni argamaa jirus jajjabeessadha jedhaniiru.

Oomisha kana maashina midhaan haamuufi callessuun walitti qabuun keenya qisaasama oomishaa kanaan dura ture hambisuun cinaatti dadhabbii turees nurraa waan hambiseef hojii dabalataaf nu kakaaseera jedhaniiru.

Kanaan dura rooba gannaa qofa eeganii oomishaa akka turan himanii haala kanaa oomisha jallisiin qamadii oomishuu isaaniin jijjirama guddaa argachuu himaniiru.

Kanaan dura oomisha waqtii roobaa oomishaa turan irraa oomishinni argataan xiqqaa ta'uu himanii yeroo ammaa garuu kan roobaa qofaarratti hirkachuun hojjechuu jalaa bahanii jallisiin fayyadamuun qamadii lafa heekataara tokkorratti oomishaan irraa oomisha kumtaala 50 akka argatan himaniiru.

Itti agaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Jimmaa obbo Mahaammadixahaa Abbaafiixaa gama isaaniin akka jedhanitti godinichatti lafti heektaarri kuma 312 oomishaa qamadii jallisii bonaan qotameera. Yeroo ammaa kana aanaalee Godinichaa oomishinni kun itti oomishamuu hundaatti oomishinni walitti qabamaa jiraachuu himaniiru.

Oomisha jallisiin oomishame kanarraa oomishinni kumtaalaa miliyoona 8 kan eegamu ta'uu himanii, godinichii oomisha Qamadii jallisiin yeroo bonaanoomishamuun beekamaa dhufeera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015