Piriimer Liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Miinci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu

554

Guraandhala  30/2015 TOI) – Sagantaa torbee 16ffaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Minci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu.

Taphni kilaboota lamaanii guyyaa keessaa sa’aatii 11tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama.

Magaalaan Arbaa Minci taphoota Liigichaa 15amma ammaatti taphateen sadii mohatee al afur mo’atameera, al saddet ammoo walqixa baheera.

Taphoota 15’n goolii 18 lakkoofsiseera, gooliin 20 ammoo ittigaleera. Haala Kanaan qabxii 17’n sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aa keessatti argama.

Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigichaa walitti aanan shan Kanaan dura taphateen altokko qofa mo’ate. Al tokko mo’atameera, alsadii ammoo walqixa baheera.

Morkataansaa magaalaan Walqixxee taphoota piriimer Liigii amma ammaatti taphateen al shan mo’ateera, alshan ammoo mo’atameera, alshan ammoo walqixa baheera.

Taphoota 15niin goolii 18 galcheera,gooliin 17 itti galeera. Qabxii jahaan sadarkaa 12ffaarra jira.

Magaalaan Walqixxee taphoota Liigichaa walitti aanan shan taasiseen al tokko qofa mo’ate. Al lama mo’atameera,al lama walqixa baheera.

Taphni garee lamaanii Guraandhala 23 bara 2015 taphatamuun kan irra ture yoo ta’u rooba cimaa Dirreedawaatti roobeen dirreen manca’uusaatiin taphni kun har’a akka taasifamu koreen naamusaa fi dorgommii murteessuunsaa nibeekama.

Oduu walfakkaatuun taphoota torbee 16ffaa kaleessa taphatamaniin magaalaan Bahaardaar  Itiyoo-elektiriik goolii 3 fi 1’n akkasumas magaalaan Adaamaa Faasiil Kanamaas goolii 2 fi 1’n mo’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015